or

Gaaffiilee Yeroo hedduu Gaafataman kan CollegeBound Saint Paul

ULAAGAALEE FILATAMUU

Sagantaa kanatti filatamuuf eenyutu ulaagaa guutaa?

CollegeBound Saint Paulitti daa’ima keessan galmeessuu kan dandeessan yoo isaan guyyaa gaafa Amajji 1, 2020, kan dhalatan ta’ee fi ulaagaa armaan gadii keessaa tokko kan guutan ta’e qofaa ta’a:

  • Dhalootaan jiraataa Saint Paul ta’uu YKN
  • Guyyaa dhaloota isaanii isa waggaa ja’affaa dura jiraataa Saint Paul ta’uu dha.

Daa’imni tokko akka jiraataa Saint Paulitti fudhatamuu kan danda’u, yoo xiqqaate abbaa ykn haati, eegduun, ykn guddiftuun bakka jireenya isaanii Saint Paul keessa yoo kan godhatan ta’e.

Hiikaan ulaagaa filannoo guutuu kun kan inni ibsu/raggaasisu, ijoollota maatii haala garaa-garaa keessa jiraachuun kanneen sagantichaaf ammoo mirga guutuu qaban, kan akka:

  • Ijoollota, kanneen umurii waggaa ja’aatiin dura maatiin isaaniin guddifachuudhaan Saint Paul keessa jiraatan
  • Ijoollota, kanneen matiin isaanii jiraattota Saint Paul ta’uudhaan yeroodhaaf ammoo sababa garaagaraatiin bakka biraa jiraatan, kan akka tajaajila loltuu ta’uu ykn Nageenya Biyyaa Eegsisuu.
  • Ijoollota, kanneen maatiin isaanii hidhamtoota (sirreefamtoota seeraa) ta’uun Saint Paul keessa osoo jiraatanii dhalatan.

SAXAXA SAGANTAA WALIIGALAA

Lakkoofsi herregaa kun yeroo turtii waggoota afurii kan Kolleejjii fi kan Univarsitii qofaadhaaf kan gargaaruu dha?

Lakkii, qarshiin kun carraa barnootaa hedduudhaaf kan akka: turtii waggoota afurii kan Kolleejjii fi Univarsitii, waggoota lamaa fi Kolleejjii hawaasaa, akkasumas humna hojii ykn leenjii ogummaatiif illee kan gargaaru ta’a.

Lakkoofsi herrgaa kun dhaabbata maallaqaa isa kamii wajjin walitti hidhataa?

  • Lakkoofsi herregaa kun kan inni qabamu Bremer Bank, shariika maallaqaa kan magaalattii kan ta’een.
  • Baankiin Bremer kun Kolleejjii CollegeBound Saint Pauliif tajaajila herrega, kan magaalichaa fi abbaa herregaatiif baasii tokko malee tajaajila barbaachisaa ta’e hunda taasisa.

Sagantaan kun akkamittiin fandii argataa?

CollegeBound Saint Paul kun itti fufiinsa qabaachuu isaa mirkaneessuuf burqaa deggersaa kallattii garaa garaatiin kan qabuu dha. Magaalichi sagantaa kan istaafii fi herregaa/ karaa waajjira deggersa maallaqaa odeeffannoo to’achuudhaan deggersa maallaqaa ni taasisa.

Qusannoo Barnootaaf, Daldalaa fi Kaffaltii gad bu’aa ta’eef qusachuu, ga’umsii fi hirmaannaan maatii, akkasumas kennaan dabalataa (Bonuses) karaa misooma hawaasa naannoo, kennaan tolaa karaa garee hawaasaan, akkasumas dhuunfaadhaan ni taasifama.

COLLEGEBOUND SAINT PAUL MAALIIF JEDHAME?

$50 kana Kolleejjiidhaaf erga hin kaffalamu ta’ee maaliif Qusannoon Akkawntii Baankii Kolleejjii (QABK) maaliif barbaachiseree?

Ijoollonni barnoota kolleejjii hordofuuf, akkasumas eebbifamuuf qusannoon xiqqoon ishee illee, garaa garummaa ni uuma. Akka qorannoon tokko ibsutti, ijoollonni maatii galii gad-aanaa qaban kan qusannoo kolleejjii doolaara 500 ta’u qaban ykn isaa gadii qaban, waliin yoo ilaalamu harka sadii kan ta’uuf carraa kolleejjiitti barachuu akka qabanii fi harka afur kan ta’u ammoo kanneen herrega baankii hin qabne caalmaatti, eebbifamuudhaaf ijoolleen maatii galii gad-aanaa qabanii carraa ni qabaatu. Maallaqni Qusannoo Akawntii Koleejii (QAK) keessaa jiru kun dhimma qarshii barbaadu kan akka kitaabaa, geejibaaf ykn baasii jireenyaaf barbaachisu cufuuf gargaaruu danda’a. Baasiin kun ijoollota maatii galii gad-aanaa qabaniif suuta suutaan baasuun kan danda’amu yoo ta’u, QAK carraa barnoota sadarkaa lammaffaa booda jiru xumuruu kan dabaluu ta’uu danda’a.

Sagantaa Qusannoo Akawntii Kolleejjii kan biroon jiruu?

Eeyyee. Erga bara 2003 Lakkoofsi Herregaa Kolleejjii qoratamaa kan ture yoo ta’u, sagantaan inni jalqabaa, karaa San Fransiiskoo sadarkaa Oolmaa daa’immaniitii hanga Kolleejjiitti, bara 2011 keessa eegalee jira. Magaalonni hedduun ergasii isa hordofan keessaa kan akka Saint Louis (MO), Lansing (MI), fi Oakland (CA) jiru. Hanga Mudde 2018tiitti, guutummaa biyyattii keessatti, sagantaa 65 kan ta’u keessatti ijoollonni Akawntii Qusannoo kan kolleejjii fudhatan naannoo miliyoona walakkaatti dhiyaatu. CollegeBound Saint Paul kan inni bu’uureffame muuxannoo ga’aa kanneen biroo irraa argame irratti yoo ta’u, innis kan magaalaa guutummaa isa jalqabaa fi sagantaa qusannoo lakkoofsa baankii automaatikii ta’e kan guyyaa dhalootaa daa’immanii irraa eegaluu ta’uu isaa ti.

Yaadni AQK kun jalqaba irratti karaa sagantaa qorannoo ragaadhaan agarsiifamuu danda’u waliin kan qoratame yoo ta’u, Barnootaaf,Daldalaa fi Kaffaltii gad bu’aa ta’eef kan Qusatamu(BDKQ) bara 2003 keessa kan eegale, fi qorannoon hojii kanaa kan itti fufee jiru ta’uun isaa hubatamaa dha.

Dhaabbiileen hawaasaa fi miseensi hawaasaa sagantaa kana keessatti shoora taphatan ni qabaatuu?

Eeyyee, shariikni hawaasaa milkaa’ummaa sagantaa kanaatiif shoora guddaa taphata. Dhaabbanni hawaasa bu’uura godhate tajaajila galmeessuu, hirmaanaa itti fufiinsa qabu, fi deggersi maallaqaa salphaatti kan taasifamuuf ta’a. sagantaan kun sadarkaa gad-aanaadhaa hanga guddaatti, tajaajila shariikaa hawaasaa barbaadu hedduu of keessaa qaba.

Sagantaan kun qaama hawaasaa hoogganu – bakka bu’oota geggeessitoota hawaasaa garaagaraa kan magaalattii keessatti argaman of keessaa qabaachuun isaa – hawaasaan kan hoogganamuu fi itti fufiinsaanis fooyya’iinsa barbaachisaa ta’ee fi ga’umsa isaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu agarsiisa.” Dabalataanis, walitti dhufeenyi sagantaa bakka bu’aa ta’uu/ambaasaadarummaa – Geggeessitoota Saint Paul kan akka barattootaa, maatiiwwan, fi warra baratan hunda dabalatee – ga’umsaa fi hirmaannaa sagantaa QHK fi jajjabina sagantaa AQK kan Istaafii, akkasumas kan warra shariikaa galmaan ga’uuf deggersa kan taasisan ta’u. Xumura irrattis, jiraattota magaalichaa waliin ta’uudhaan dhaabbilee fi daldaalttonni garaagaraa akka shaampiyoona sagantaa kanaatti sagantichaa fi mul’ata inni qabu deggeruu fi raggaasisuuf jecha galmaa’uu danda’u.

MAATIIDHAAF

CollegeBound Saint Paul fayidaa ani argadhu kanneen biroo irratti dhiibbaa taasisu qabaa?

Lakkii. Magaalattiin abbummaa lakkoofsa herrega kanaa waan qabaattuuf, akkasumas mucaan keessan ammoo fayyadamaa waan jedhamuuf, qusannoon keessan sagantoolee kanneen akka SNAP, SSI, fi kkf birootti kan ilaalamus waan hin taaneef gabaasa taaksii keessanii irratti gabaasuun barbaachisaa miti.

CollegeBound Saint Paulitti akkamittiin lakkoofsa herregaa daa’ima keenyaatti qusannoo eegaluu dandeenyaa?

Karaa garaa-garaatiin akkawntii daa’ima keessaniitti dhangalaasuu dandeessu:

  • Qaamaan argamuudhaan: Baankii Bremer kamitti iyyuu galchuu dandeessu. Yeroo gara baankii deemtanittis horii galii taasiftan sana (Kaashii, cheekii, ykn horii ajajajame) fi lakkoofsa herregaa kan daa’ima keessanii of harkatti qabachuu hin dagatinaa.
  • E-meeyiliidhaan: Lakkoofsa Cheekii keessanii karaa e-meeyilii Bremeriif erguu. Sarara waraqaa yaadannoo irratti lakkoofsa herregaa kan daa’ima keessanii sirriitti barreessuu keessan adda baafadhaa.
  • Kallattiidhaan kuusuu/By direct deposit: Kallattiidhaan kuusuu jechuun tajaajila cheekii kaffaltii irraa gara lakkoofsa herregaa daa’ima keessaniitti battalumaan fandii kuusuu jechuu dha.
  • Kaffaltii Biilii karaa Sararaa (ACH): Herrega baankii keessan / qusannoo keessan irraa karaa Kaffaltii Biilii Saraaraan kuusuu dandeessu. Kaffaltii yeroo tokkotti ykn yeroo garaa-garaatti kaffaluu yoo barbaaddaniif filachuu dandeessu.

Maaliif kolleejjiidhaaf qusannoo taasifnaa?

Maatiin isaanii barbaachisummaa Kolleejjiitiif amantaa hamma kana ga’u qabaachuun isaanii ijoollotaaf hiikaa guddaa qabaata. Doolaarii muraasa illee waa’ee egeree ijoollee keessaniitiif kuusuun abjuu/mul’ata isaan qabaataniif shoora guddaa kan taphatu ta’a. Kolleejjiin jireenya isaanii keessatti galma murteessaa isaaniif ta’uu isaa illee dhaamsa ni dabarsaaf. Doolaariin isin har’a kuustan hundi, doolaarii daa’imni keessan gara fuul duraatti liqeeffachuu hin dandeenyee dha.

Hagam qusachuu qabnaa?

Hangi isin qusachuu dandeessan, humana keessanii fi kan maatii keessanii irratti kan hundaa’u ta’a. Galma qusannoo kan ji’aa ykn kan waggaa murteessuuf maatii tokko tokko kan gargaaru yoo ta’u kunis ji’atti $10 qofaa ta’uu danda’a. Warri biroon ammoo yeroo qusachuun isiniif mijataa ta’etti yoo ta’u, kunis guyyaa kabaja dhalootaa, guyyaa ayyaanaa, yeroo kaffaltii taaksii taasifamutti, ykn taateewwan addaa kan biroo irrattis ta’uu danda’a. Buusii xiqqoon illee waa dabaluudhaan garaagaraummaa uumuu danda’a. Tokkoon tokkoon doolaarii isin qusattan kun kan mucaan keessan gara fuul duraatti liqeeffachuu hin qabnee dha.

Akkauntiin CollegeBound Saint Paul lakkoofsa akkamiiti?

Akkawntiin daa’ima keessanii kun kallattiidhaan lakkoofsa herregaa kan barnootaaf ykn leenjii barnoota sadarkaa lammaffaa boodaatiif ooluu dha. Kana jechuunis hanga daa’imni keessan umurii waggaa 18 guutuudhaan barnoota kolleejjiitiif itti fayyadamuuf qophaa’oo ta’anitti maallaqni gara herrega kanaatti kan dhangalaafamu malee kan keessaa hin baafamne ta’uu isaa ti. Lakkoofsi herregaa kun kan inni to’atamu Magaalaa Saint Pauliitiin yoo ta’u maqaan daa’ima keessanii ammoo akka nama herregicha irraa fayyadamaa ta’eetti kan ilaalamu ta’a.

Yoo daa’imni tokko Saint Paul keessaa kan adeemu/bakka jijjiiratu ta’eef maaltu ta’a?

Yoo maatiin keessan Saint Pauliin kan gad dhiisan ta’e, akka sagantaa geeddarama bakkaa taasiftan maaloo Waajjira Dhimma Maallaqaa kan Magaalattii beeksisuu hin dagatinaa. Ijoollonni kanneen Saint Paul keessaa adeeman herregni baankii isaanii banaa ta’ee waan turuuf qusannoo itti fufuu kan danda’anii fi sagantaa fundii dhiheessuu (Fknf, qusannoo jalqabaa fi kaffaltii dabalataan laatame) kam iyyuu guddachuu danda’a. Haata’u iyyuu malee, sababa jiraattota Saint Paul hin ta’iniif kaffaltii dabalataa kan gara fuul-duraa kamiin iyyuu argachuuf mirga guutuu hin qabaatan.

Yoo daa’imni kiyyaa gara Kolleejjii kanaa hin adeemu ta’e lakkoofsi herregaa kun akkam ta’aa?

Fandiin Kolleejjii CollegeBound Saint Paul kun sagantoolee kan biro kanneen akka barnoota sadarkaa lammaffaa boodaa kan akka Kolleejjii hawaasaa, leenjii ogummaa fi kan tekinikaatiif oolfamuu danda’a. Qusanoon namoota dhuunfaatiin (hirmaattotaan, miseensa maatiitiin, kkf) taasifame akka “fandii sagantaan ala godhameetti” kan ilaalamuu fi tarii hanga umurii waggaa 25 guututti daandii ittin hirmaannaa taasisu ta’uu danda’a. yeroo sanattis, yoo hirmaattonni fandii sagantaan alaa lakkoofsa herrega isaanii irraa qabaatanii fi yoo fundiin maallaqa sababa garaa-garaatiif walitti qabame kun ga’uu dadhabeef, baalaansiin hafe kun gara “Minnesota Unclaimed Property Division” tti kan deebifamu ta’a. Fandiin osoo itti hin fayyadamin hafe kun (Qusanoon Barnootaaf, Daldalaa fi Kaffaltii gad bu’aa ta’eef qusatamu, kaffaltiin dabalataan laataman) gara sagantaa kanaatti deebifamuudhaan ijoollonni gara fuula duraatti akka ittiin gargaaraman taasifama.

Kaffaltii dabalataan kennamu kan daa’imni kiyyaa fudhatu maalfaa dha?

Sagantaan kaffaltii horii dabalataa argachiisan kan inni of keessatti haammatu.

  • Hirmaannaa Sagantaa – kaffaltii horii dabalataa kan sababa hirmaannaa karaa sarara compuuteraa taasifameef/ Account portal login bonus
  • Guddina sagantaa kanaatiif hirmaannaa addaa taasisuu (Milestone/Engagement) – sababa daawwannaa daa’imaatiif kaffaltii dabalataan kennamu.
  • Hirmaannaa (Milestone/Engagement) – Hirmaannaa ga’umsa kaffaltii kaffalameetiif kaffaltii dabalataan kennamu.
  • Hirmaannaa addaa /Milestone – Kaffaltii dabalataan kennamu kan kabaja guyyaa dhaloota isa jalqabaa.
  • Kaffaltii dabalataan kennamu /Bonus – Ijoollee, maatii galii gad-aanaa qaban keessaa dhufaniif”

Haawaasa keessan cimsuuf hojjedhaa. Shariika hawaasaa kan CollegeBound Saint Paul ta’uu.

Caalmaatti hubannoo qabaachuuf
Privacy Settings
We use cookies to enhance your experience while using our website. If you are using our Services via a browser you can restrict, block or remove cookies through your web browser settings. We also use content and scripts from third parties that may use tracking technologies. You can selectively provide your consent below to allow such third party embeds. For complete information about the cookies we use, data we collect and how we process them, please check our Privacy Policy
Youtube
Consent to display content from - Youtube
Vimeo
Consent to display content from - Vimeo
Google Maps
Consent to display content from - Google
Spotify
Consent to display content from - Spotify
Sound Cloud
Consent to display content from - Sound
CollegeBound Saint Paul