or

Boonasiiwwan

Akkaawontii mucaa keessani guddisuu!

Akkaawontiin qusannoo kolleejjii mucaa keessanii guddisuuf horii tolaa argachuu!

Sadaarkaalee murteesoo irra ga’uun, CollegeBound Saint Paul keessatti hirmaachuun, akkasumas maatii keessanii fi mucaa keessaniif hojii humna jajabeessuu keessatti hirmaachuudhaan kuussaawwan kan boonusii mucaa keessaniif argamsiisuu dandeessu.

Kuusaa Sanyii/Seed Deposit

Mucaan keessan duraan iyyuu kolleejiif $50 qaba!

Boonasiiwwan Sagantaa 

Mucaan keessan akkaawontii isaanii akka guddatuuf sagantaa kana irraa boonusii argachuu danda’a! 

Kuusaawwan Horii Maatii 

Kuusaawwan miseensa maatii ykn hiriyaatiin godhaman kam iyyuu, kanneen akka akaakayuuwwan, adaadaawwan, ykn eessumman.

Dabalataanis, maatiiwwan ykn hiriyyoonni akkaawontii mucaa keessaniitiif kallattiidhaan kennuu danda’u. Sababiin isaas akkaawontiin mucaa keessanii kan kuusaa qofaa waan ta’eef, kanneen gumaacha taasisuu barbaadan kan biroof lakkoofsa akkaawontichaa qooduu dandeessu.

Online seenuudhaan (Log-in) Boonasii Doolarii $10 argachuu

CollegeBound Saint Paul (Savings Portal) irratti galmaa’uudhaan haftee baalaansii akkaawontii mucaa keessanii yeroo jalqabaatiif ilaaluuf seenuu (log-on).

Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: Fuula Galmee Poortaalii Qusannoo irratti cuqaasuu. Yeroo jalqabaatiif poortaalii qusannoo keessanii galmeessuuf Waraqaa Enyummaa (ID) mucaa keessanii isin barbaachisa. Inni kunis, kan argamuu danda’u kaardii akkaawontii, paaketii baga nagaan dhuftanii mucaa keessanii kan isin fudhattan irratti. Yeroo jalqabaatiif akkaawwontii mucaa keessanii ilaaluuf seenuu ilaalchisee qajeelfamoonni  ‘booklet’ paakeetii baga nagaan dhuftanii fuula 4 irratti argamu.

$25 Boonasii kan Guyyaa dhaloota jalqabaa

‘Happy Birthday!’ Boonasii kana mucaan keessan waggaa 1 yeroo guutu argattu.

Boonusii Akkamitti akka Gaafatan: Boonasii kana argachuuf tarkaanfii tokkollee fudhachuu isin hin barbaachisu, sagantichi boonasii kana kan kennu ji’a mucaan keessan waggaa 1 guutu keessatti ta’a.

$50 Boonasii Qu’annoo Galmee

Poortaalii Qusannoo irratti isa CBSP Family Survey, qu’annoo galmee guutaa.

Boonusii Akkamitti akka Gaafatan: Qu’annicha argachuuf akkaawontii keessan Poortaalii Qusannaa keessatti CBSP Family Survey, guutaa (Register) ykn seenuu (log into ).

$50 Boonusii Filatanii seenuu (Opt-in)

Akkaawontii mucaa keessanii banuuf CollegeBound Saint Paul filatanii seenuu.

Daa’imman CollegeBound Saint Paul keessatti ga’umsa qaban yeroo dhalatan galmaa’u, garuu maatiiwwan hedduuf, sagantichi hirmaattota kallattiidhaan kan galmeessuuf galmee mucaa keessanii inni fayyadamu iccitiidhaan kan eegamu ta’a. kunis, kan inni of keessatti haammatu daa’imoota abbaa fi haati isaanii karaa seera qabeessa ta’een wal hin fuune, daa’imoota kunuunsa guddiftuu jala jiran, daa’imoota Saint Pauliin alatti dhalatan, garuu ammo jiraattota kan ta’an.

Boonusii Akkamitti akka Gaafatan: Boonasii kana argachuuf tarkaanfii tokkollee fudhachuu isin hin barbaachisu, sagantichi gaumsa akka qabaachuu keessan ofii isaatiin kan adda baasu ta’a.

$50 Boonasii ‘Equity

Daa’imni maatiiwwan seenaa keessatti hawaasa misoomni hin taasifaminiif (historically-disinvested communities) keessatti dhalatan, yeroo tokko qofaaf boonasii $50 argatu.

Hawaasa seenaa keessatti misoomni hin taasifamniif kan inni agarsiisu hawaasa seenaa keessatti galii gad aanaa qabu fi misoomni kan irratti hin taasifamnee; karaa mootummaatiin, biizinasii fi kan birootiinis jechuu dha.

Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: Qu’annicha argachuuf akkaawontii keessan Poortaalii Qusannaa keessatti galmaa’uu (Register) ykn seenuu (log into ). Saganticha akka ga’umsa qabdan kan murteessu, odeeffannoo isin qu’annicha keessatti gumaachitan ykn odeeffannoo yeroo saganticha keessatti galmooftan kenname irrati hundaa’uun ta’a.

$50 Boonasii Fayyummaa Faayinaansii (Financial Health)

Wagga waggaan sagantaa kana keesssatti hirmaachuun ykn tarkaanfii jireenya faayinaansii maatii keessanii fooyyessuuf kan gargaaru, kan akka koorsii barnoota faayinaansii fudhachuu ykn liqii keessan fooyyessuuf saganticha keessatti hirmaannaa fudhachuudhaan.

Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: odeeffannoo dabalataa argachuuf, waa’ee gochaawwan gahumsa guutuu qabaachuu, refeerii kan shariikotaatiif, akkasumas boonasii gaafachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan beekuuf linkii kana (Click here) cuqaasaa.

50 Boonasii Dursa mucummaa

Sagantaa ykn gochaawwan guddina fayyaa mucaa keessanii beeksisan; kanneen akka barnoota maatii ykn daa’immanii keessatti hirmaannaa taasisuu, ykn mucaa keessan gara sakatta’iinsa qorannoo gaarii ta’eetti fiduu keessaniif, waggaatti yeroo tokko $50 fudhachuu.

Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: odeeffannoo dabalataa argachuuf, waa’ee gochaawwan gahumsa guutuu qabaachuu, refeerii kan shariikotaatiif, akkasumas boonusii gaafachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan beekuuf linkii kana (Click here) cuqaasaa.

Maaloo, kaffaltii jajjabeessituu (incentives) akkaawontii CollegeBound mucaa keessanii irratti akka ergamuuf hanga ji’a tokkootti hayyamaa. Boonusiin fandii jiran irratti hundaa’uun wagga waggaatti jijjiiramuu danda’a. 

Boonasii CollegeBound Saint Paul cimsuu

Madda fayyummaa faayinaansii (financial health) keessanii fi guddina mucaa keessanii fooyyessuuf  gargaaran wajjin wal quunnamuun akkaawontii mucaa keessanii guddisuu.

Kaayyoon CollegeBound Saint Paul kun, barnoota sadarkaa olaanaa irratti mucaa keessan deggeruu qofaa osoo hin taane, maatiiwwan madda dursa mucummaa akkasumas, barnoota faayinaansii fi nagummaa faayinaansiitiif waantota gargaaran wajjin wal quunnamsiisuu dha. Qabeenyaa argachuuf ykn tarkaanfii galma kanaa wajjin wal qabatan   fudhachuun, wagga waggaan (guyyaa dhaloota mucaa keessanii irratti hundaa’uun ) $50 kuusa boonasii fudhachuu dandeessu.

$50 Boonasii Fayyummaa Faayinaansii

Sagantaa keessatti hirmaachuun ykn jireenya faayinaansii maatii fooyyesuuf tarkaanfii karoorfame fudhachuu keessan irraa kan ka’e wagga waggaatti $50 argachuu dandeessu. 

Gochaawwan akkamiitu Boonusiifayyummaa faayinaansiif gahumsa qabaata?

Erga mucaan keessan CollegeBound dhalatee eegalee gochaawwan isin itti hirmaannaa taasiftan akka boonusiitti fudhatamuu waan danda’uuf, akkaawontii CollegeBound mucaa keessanii irratti kan galmaa’an maatii ykn guddiftuu keessaa maqaa nama tokkootiin guutuu qabu.

Fakkeenyi sagantaawwan gahumsa qabanii kan inni of keessatti haammatu:

  • Barnoota Faayinaansii
  • Gorsaa fi Leenjii Faayinaansii
  • Gorsa kan Liqii ykn Bu’aa Ijaarsa-Liqii (Credit-Building Products)
  • Sagantaalee Qusannoo Waliin adeeman
  • Akkaawontii baankii haaraa banuu (Checking ykn Qusannoo)
  • Tajaajila ‘Prep’ kan Qaraxa irraa bilisa ta’e argachuu (VITA ykn qaraxa hawaasa bu’uureffate kan  ‘prep’ irratti hundaa’e )
  • Sagantaa misooma humna namaa ykn tajaajila gorsa ogummaa
  • Qabeenyummaa manaa ykn qabeenyummaa biizinasiif kan ta’u workshopii ykn leenjiiwwan
  • Faayinaansii Biizinasii xixxiqqaa ykn deggersa kaffaltii (downpayment), kanneen akka liqii fi gargaarsaa argachuu.

Sagantaaleen dabalataan boonasii kanaaf gahumsa qabaachuu danda’u. Gochaawwan gahumsa yoo qabaatan sakatta’uuf [651-266-8829] irratti bilbilaa ykn [collegebound@ci.stpaul.mn.us] irratti emeeyilii godhaa.

Sagantaalee fi tajaajila fayyummaa faayinaansii eessaa argachuu dandeenya?

Kanneen armaan gadii dhaabbiilee sagantaalee, tajaajilaa, fi qabeenyaa fayyummaa faayinaansii wajjin kan wal qabate Seeyint Paul fi ‘Twin Cities’ keessatti kan kennan:

Comunidades Latinas Unidas En Servicio (CLUES)

Latino Economic Development Center

Lutheran Social Services Financial Counseling

Mni Sota Fund

Model Cities, Inc.

Prepare + Prosper 

Ujamaa Place

Community Action Partnership of Ramsey & Washington Counties

$50 Boonasii Fayyummaa dursa mucummaa 

Sagantaa keessatti hirmaachuudhaan ykn guddina fayyummaa daa’ima keessanii beeksisuuf tarkaanfii fudhachuu keessaniif wagga waggaatti $50 argachuu dandeessu.

Boonasii dursa yeroo Mucummaatiif gochaawwan akkamiitu gahumsa qabaataa?

. Erga mucaan keessan CollegeBound dhalatee eegalee Gochaawwan isin itti hirmaannaa taasiftan, akka boonusiitti fudhatamuu waan danda’uuf akkaawontii CollegeBound mucaa keessanii irratti kan galmaa’an maatii ykn guddiftuu keessaa maqaa nama tokkootiin guutuu qabu.

Fakkeenyi sagantaawwan gahumsa qabanii kan inni of keessatti haammatu:

    • Sagantaa Soorataa kan WIC (Dubartoota, Mucoolii, fi Ijoollee)
    • Sakatta’iinsa fayyummaa mucaa /Well-baby check-ups
    • ‘Early Headstart’
    • Karaa Barumsa Manneen Barnoota-Hawaasaa Saint Paul, Barnoota Maatii dursa yeroo Ijoollummaa (ECFE)
    • Gumii Deggersa Maatii, kan akka ‘Club Mom’ fi ‘Club Dad’
    • Tajaajila Daawwannaa Mana Maatii
    • ‘Receiving a Me & My Baby Brain Building Bag’
    • ‘Integrated Care High Risk Pregnancy Initiative’

Sagantaan Dabalataa boonasii qabaachuu danda’a. Gochaan kun gahumsa akka qabu beekuuf, 651-266-8829 irratti bilbilaa ykn [collegebound@ci.stpaul.mn.us.] irratti emeeyil godhaa.

Sagantaalee fi tajaajila fayyummaa faayinaansii eessatti argachuu dandeenya?

Kanneen armaan gadii dhaabbiilee sagantaalee, tajaajilaa, fi qabeenyaa fayyummaa faayinaansii wajjin kan wal qabate Saint Paul fi ‘Twin Cities’ keessatti kan kennan:

Deggersa Maatii kan Ramsey County’s kan inni of keessatti haammatu

  • WIC (Dubartii, Mucoolii, fi Ijoollee)
  • Daawwannaa Mana Maatii
  • Gumii Deggersa Maatii
  • Deggersa Kunuunsa Daa’imaa
  • Walitti dhufeenya Mucaa Afiriikaa Ameriikaanii
  • ‘Early Headstart’ Sharikummaa kan Tarkaanfii Hawaasummaa Ramsey fi Washingiten Counties
  • Karaa Barumsa Manneen Barnoota-Hawaasaa Saint Paul, Barnoota Maatii dursa yeroo Ijoollummaa (ECFE)

Boonasii gahumsaa akkamiin akka gaafatamuun danda’amu

Dookumantii galii taasisuuu:
Dookumantii sagantaa keessatti hirmaannaa taasisuu keessanii, kanneen koppii ykn fakkii emeeyilii, xalayaa, nagahee, ykn dhiheessitoota tajaajilaa irraa waantota quunnamtiif gargaaran kan biroo qooduu ni dandeessu.

Waraqaa mirkaneeffannaa galii taasisuu: 
Yoo dookumantii kan hin qabne tataatan, akka isaan hirmaannaa keessan ykn faayidaa isin argachuu qabdan unka raga fayyadamuudhaan isiniif mirkaneessaniif warra dhiheessii tajaajilaa taasisan gaafachuu dandeessu.

taasisuu

Mirkaneeffannaa boonusii kan isin galii taasisuu dandeessan,  karaa:

Emeeyilii: [collegebound@ci.stpaul.mn.us]

Faaksii: [651-266-8541]

Telefoona: [651-266-8839]

‘Upload’ gochuu: gara akkaawontii mucaa keessaniitti erga seentaniin booda Poortaalii Qusannoo CollegeBound irratti fe’uu (upload) taasisuu. 

Poostaa/Mail: 
[CollegeBound Saint Paul 700 City Hall, 15 W Kellogg Blvd.Saint Paul, MN 55102]

Mucaa keessan CollegeBound Saint Paul keessatti har’a galmeessaa

Caalmaatti hubachuu
Privacy Settings
We use cookies to enhance your experience while using our website. If you are using our Services via a browser you can restrict, block or remove cookies through your web browser settings. We also use content and scripts from third parties that may use tracking technologies. You can selectively provide your consent below to allow such third party embeds. For complete information about the cookies we use, data we collect and how we process them, please check our Privacy Policy
Youtube
Consent to display content from - Youtube
Vimeo
Consent to display content from - Vimeo
Google Maps
Consent to display content from - Google
Spotify
Consent to display content from - Spotify
Sound Cloud
Consent to display content from - Sound
CollegeBound Saint Paul