or

Galmeessuu

CollegeBound Saint Paul, maatii Saint Pauliif abdii dha

Daa’ima keessan CollegeBound Saint Paul keessatti galmeessisuuf daandii hedduutu jira.

Erga isaan dhalatanii booda karaa sarara kompuuteraa galmeessisuu ykn akkumma isaan dhalataniin battalumatti akka beekamuuf galmee isaanii ifaa fi biliisan (kan sabaa) akka ta’uuf filachuu keessan raggaasisuu.

Daa’ima keessan CollegeBound Saint galmeessuu kan dandeessan yoo isaan guyyaa gaafa Amajjii 1, 2020, kan dhalatan ta’ee fi ulaagaa armaan gadii keessaa tokko kan guutan ta’e qofaa ta’a:

  • Bakka dhalootaatiin jiraataa Saint Paul ta’uu YKN
  • Guyyaa dhaloota isaanii kan waggaa ja’affaa dura jiraataa Saint Paul ta’uu.

Daa’imni tokko akka jiraataa Saint Paul fudhatamuu kan danda’u, yoo xiqqaate abbaa ykn haati, eegduun, ykn guddiftuun yoo bakka jireenya isaanii Seeyint Poul keessa kan godhatan ta’e.

Yoo daa’imni keessan xiqqaan karaa irra jiraate, CollegeBound Saint Paul dursee-galmeeffamuu isaa sirriitti adda baasuu. Dhalachuu isaa/ishee dura galmeessuun daa’ima keessan sagantaa kanaaf kan galmeessisu miti. Kanaafuu, yeroo daa’imni keessan dhalatutti akka galmeesitaniif isin yaadachiifna.

CollegeBound Saint Paultti erga galmeessitaniin booda, karaa sarara e-meeyilii isa odeeffannoo, akkamittiin akka lakkoofsa herregaa kan daa’ima keessanii guutuuf fayyadamtan sanaa waraqaan simannaa kan baga nagaan dhuftan jedhu isiniif kan kennamu ta’a. Yeroo sanattis, haftee horii, qarshii kuufame, fi kan biroon hagam akka ta’e beekuutu danda’ama.

Gaaffiiwwan kamiin iyyuu?

Gaaffiiwwan yeroo hedduu gaafataman

Yeroo dhalachuu daa’ima kanaatti galmeesisuu

Daa’imman galmeen dhaloota isaanii ifaa fi biliisaan galmeeffaman battalumatti CollegeBound Saint Paul keessatti kan galmeeffaman ta’u.

Yeroo dhalachuu daa’ima keessaniitti yammuu seenaa dhalachuu daa’ima kanaa galmee irratti guuttanitti gaaffii isa ‘Galmeen dhaloota kun ifaa fi biliisa (public) akka ta’u ni hayyamtuu?’ kan jedhuuf “Eeyyee” jechuu keessan sirriitti raggaasisaa.

Yoo galmeen dhalootaa kun akka inni ifaa fi biliisa (public) hin taane barbaadanis, ni dandeessu! Dursitaniis daa’ima keessaniif galmeessuu ni dandeessu.

Beektu turtanii?

Maatiin ijoollee warri galii gad-aanaatii hanga giddu-galeessaatti qaban kanneen qusannoo akkaawontii kolleejjii irraa  doolara $1 fi $500 gidduu qaban:

Galmee karaa sarara dirsariitii

ammuu daa’imni keessan  dhalatu, unka karaa sarara dirsariitii guutuudhaan CollegeBound Saint Paultti isaaniin  galmeessisuu dandeessu.

Har’a daa’ima keessan galmeessisuuf waanti barbaachisu yoo jiraate:

  • Odeeffannoo daa’ima keessanii
  • Maatii jalqabaa/Guddiftuu fi /ykn maatii sadarkaa lammaffaa/Odeeffannoo guddiftuu
Galmaa’uu

Dursa-galmee CollegeBound Saint Pauliif

Yammuu daa’ima keessan dursitanii galmeessitanitti, kan nuti isin yaadachiifnu sagantaa kana keessatti akka isaaniin galmeessitanii dha. Waantootni isin dursitanii galmeessuun isin irraa eegamu:

• Maqaa ofii keessanii
• Lakkoofsa Bilbilaa fi/ykn e-meeyilii
• Guyyaa dhaloota daa’ima keessanii

Dursitanii erga galmeessitaniin booda, nuti ammoo erga daa’imni sun dhalateen booda  CollegeBound Saint Paultti akka galmeessitaniif yaadachiisa isiniif kan erginu ta’a.

Daa’imni keessan isa kanatti filatamuuf mirga guutuu qabaatu:

• Magaalattii keessaa lakkoofsa lakkoofsa qusannaa kolleejjii kan $50 qabaachuu
• Kaffaltii dabalataa argachuu, qusannoon isaanii akka guddatuuf
• Faayidaa yeroo ijoollummaa
• Maatii keessan guutummaatiif carraa maallaqa argamsiisuu danda’u

Dursanii galmeessuu

Faayidaa maatiin Akkaawontii Qusannoo  kan Kolleejjii irraa agratan

Abdii maatiin waa’ee barnoota ijoollee isaaniitiif qaban kan jajjabeessu ta’a

Guddina hawaasummaa fi dhageettii miiraa kan jajjabeessu ta’a

Nageenya sammuu haawwanii kan fooyyessu ta’a

Source: Beverly, S., Clancy, M. & Sherraden, M. Universal Accounts at Birth: Results from SEED for Oklahoma Kids (St. Louis, MO: Center for Social Development, Washington University in St. Louis, 2016).

Gaaffilee?

Gaaffiilee Yeroo hedduu Gaafataman kan
Privacy Settings
We use cookies to enhance your experience while using our website. If you are using our Services via a browser you can restrict, block or remove cookies through your web browser settings. We also use content and scripts from third parties that may use tracking technologies. You can selectively provide your consent below to allow such third party embeds. For complete information about the cookies we use, data we collect and how we process them, please check our Privacy Policy
Youtube
Consent to display content from - Youtube
Vimeo
Consent to display content from - Vimeo
Google Maps
Consent to display content from - Google
Spotify
Consent to display content from - Spotify
Sound Cloud
Consent to display content from - Sound
CollegeBound Saint Paul