CollegeBound Saint Paul (Savings Portal) irratti galmaa’uudhaan haftee baalaansii akkaawontii mucaa keessanii yeroo jalqabaatiif ilaaluuf seenuu (log-on).
Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: Fuula Galmee Poortaalii Qusannoo irratti cuqaasuu. Yeroo jalqabaatiif poortaalii qusannoo keessanii galmeessuuf Waraqaa Enyummaa (ID) mucaa keessanii isin barbaachisa. Inni kunis, kan argamuu danda’u kaardii akkaawontii, paaketii baga nagaan dhuftanii mucaa keessanii kan isin fudhattan irratti. Yeroo jalqabaatiif akkaawwontii mucaa keessanii ilaaluuf seenuu ilaalchisee qajeelfamoonni ‘booklet’ paakeetii baga nagaan dhuftanii fuula 4 irratti argamu.
‘Happy Birthday!’ Boonasii kana mucaan keessan waggaa 1 yeroo guutu argattu.
Boonusii Akkamitti akka Gaafatan: Boonasii kana argachuuf tarkaanfii tokkollee fudhachuu isin hin barbaachisu, sagantichi boonasii kana kan kennu ji’a mucaan keessan waggaa 1 guutu keessatti ta’a.
Akkaawontii mucaa keessanii banuuf CollegeBound Saint Paul filatanii seenuu.
Daa’imman CollegeBound Saint Paul keessatti ga’umsa qaban yeroo dhalatan galmaa’u, garuu maatiiwwan hedduuf, sagantichi hirmaattota kallattiidhaan kan galmeessuuf galmee mucaa keessanii inni fayyadamu iccitiidhaan kan eegamu ta’a. kunis, kan inni of keessatti haammatu daa’imoota abbaa fi haati isaanii karaa seera qabeessa ta’een wal hin fuune, daa’imoota kunuunsa guddiftuu jala jiran, daa’imoota Saint Pauliin alatti dhalatan, garuu ammo jiraattota kan ta’an.
Boonusii Akkamitti akka Gaafatan: Boonasii kana argachuuf tarkaanfii tokkollee fudhachuu isin hin barbaachisu, sagantichi gaumsa akka qabaachuu keessan ofii isaatiin kan adda baasu ta’a.
Daa’imni maatiiwwan seenaa keessatti hawaasa misoomni hin taasifaminiif (historically-disinvested communities) keessatti dhalatan, yeroo tokko qofaaf boonasii $50 argatu.
Hawaasa seenaa keessatti misoomni hin taasifamniif kan inni agarsiisu hawaasa seenaa keessatti galii gad aanaa qabu fi misoomni kan irratti hin taasifamnee; karaa mootummaatiin, biizinasii fi kan birootiinis jechuu dha.
Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: Qu’annicha argachuuf akkaawontii keessan Poortaalii Qusannaa keessatti galmaa’uu (Register) ykn seenuu (log into ). Saganticha akka ga’umsa qabdan kan murteessu, odeeffannoo isin qu’annicha keessatti gumaachitan ykn odeeffannoo yeroo saganticha keessatti galmooftan kenname irrati hundaa’uun ta’a.
Wagga waggaan sagantaa kana keesssatti hirmaachuun ykn tarkaanfii jireenya faayinaansii maatii keessanii fooyyessuuf kan gargaaru, kan akka koorsii barnoota faayinaansii fudhachuu ykn liqii keessan fooyyessuuf saganticha keessatti hirmaannaa fudhachuudhaan.
Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: odeeffannoo dabalataa argachuuf, waa’ee gochaawwan gahumsa guutuu qabaachuu, refeerii kan shariikotaatiif, akkasumas boonasii gaafachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan beekuuf linkii kana (Click here) cuqaasaa.
Sagantaa ykn gochaawwan guddina fayyaa mucaa keessanii beeksisan; kanneen akka barnoota maatii ykn daa’immanii keessatti hirmaannaa taasisuu, ykn mucaa keessan gara sakatta’iinsa qorannoo gaarii ta’eetti fiduu keessaniif, waggaatti yeroo tokko $50 fudhachuu.
Boonasii Akkamitti akka Gaafatan: odeeffannoo dabalataa argachuuf, waa’ee gochaawwan gahumsa guutuu qabaachuu, refeerii kan shariikotaatiif, akkasumas boonusii gaafachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan beekuuf linkii kana (Click here) cuqaasaa.